Hosea 11:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee Israeli, anini akami dandae isani lakisa? Yokhaani akami lafa isani buuse isani biraa deema? Anini akami dandae aka Adma balleesani isani balleesa, yokhaani aka Seboimu tolche isani tolcha? Garaani kiyya ee naani injed'u, jaalalti anini isani jaalad'u guddo jabdu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Israa'el! attamiin si dhiisa? attamitti dabarsee si kennalle'e? waan Adaama'aa fi Tsabooyiin irra godhe, attamitti si irratti godha? jaalalli ani sii qabu guddaa waan ta'eef, waan kana maraa si irratti godhuu hin barbaadu!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ee Efreem, ani attam si lakkisuu dande'a ree? Ee Israa'el, ani attam dabarsee si kennuu dande'a ree? Akka qachaa Aadimaa ani attam dabarsee si kennuu dande'a ree? Yookiin akka qachaa Zebo'iimii ani attam si godhuu dande'a ree? Gadhaan kiyya raafame; Marartiin tiyya marti kakkaateerti.