Hosea 13:16 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan Samariani Waaqa ufii diddeefi isi balleesani, nama isii had'iisa keesati fit'ani, daima worrale lafati d'abbani, nad'eeni worraa ta garaacha qabdule garaa babaqasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Samaariyaan waan natti kaatee yakka hojjatteef hin gaafatamti; baniin isi'ii lolaan dhuman; daa'imma lafa irratti dhuman dubartoota ulfaa garaan hin baqaqa.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan Samaariya'aa Waaqa ifii irratti waan kaateef, yakkaa ifiitiif adabamuu qaddi; isaan shallaaga'aan hin du'an; daa'immaan isaanii lafatti dhowanee hin macalaasan; dubartoota isaanii ta ulfaalle gadhaa isaanii hin baqassan» jedha.