Hosea 13:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle amma tanale sibiila tumani, akheekha woi tolchani kad'atani, akasiini daba tolchani — woni kad'atani suni qarsi ogeeyiini oguma ufiitini mid'aasite. Duuba, sorio baasaafi biyyaani jed'ani. Nami akami dandae waaqoota aka akheekha korma looni mid'aasani d'ungata?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan ammallee ogummaa ufiitiin fakiiwwan baffamanii fi waaqolee tolfamaa meetii irraa hojjataman hojjata'aa cubbuu irratti cubbuu eda'atan, kunniin maruu hujii harka namaati; hujii harka namaa kanniinii ciincaa dhiyeessaa'a jedhan namoonnillee waaqolee tolfamaa bifa waatiyyo'ootiin hojjatamaniif sagadan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammalle isaan waaqota dharaa ka nami hujii beeku qarumma'aan huju, meetii ifii irraa hujiisaan ittuma ede'anee cubbuu hujan; waaqoti dharaa sun martinuu hujii nama hujii harkaa beekuu ti. Isaan, «Waaqota dharaa kanaaf ciincaa dhikeessa'a» jedhan. Namooti waaqa dharaa ka jabbii fakkaatu kana sunqatan.