Hosea 13:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi worri kunini aka hurri diiramatiifi fit'eesa diirama ka badu jira. Ammalle worri ch'idi qilleensi oobdi iraa afufe fakaata, yokhaani aara qaa mana keesaa yau fakaata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sababaa kanaaf isaan akka hurrii ganamaatitti aaranii badan; akka fixeensa ganamaatittillee hin harca'an; akka habaqii bubbeen oobdii irraa haruu yookaan akka aara hulee aarri bayuutiin bayee dhumatuu ta'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf, isaan akka hurrii ganamaa ti; akka fixeensa bari'iin dafee bu'uu ti; akka hicaacee eeddummee keessaa qilleensi fudhatuu, akka aara karaa fodda'aatiin bayuu hin te'an.