Hosea 14:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Ashuru dandae nu imbaasu, ammalle fardi lolaleeni dandae woma nuraa ind'owu. Nu iti deebine waan harka keennaani boch'ine waaqa jenne inkad'annu. Ee AABBO Waaqa, nami hiyyeeyiini naasu iraa argatu siuma.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Asoor nu hin oolchu, faradoo isaa ka lolaa hin hedannu; nu'u ammaa achi waaqolee tolfamaa harka keennaan hojjanne maraa ‹Waaqa› jennee hin waamnu; Waaqa keenna! worri maatiin jalaa dhuman si'iin araara argatan» jedha'aanii'i.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Asoor nu baasuu hin dande'u; fardoo lolaa irra hin teennu; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne si'iin marartii waan dhaggattuuf, nuuti ijjumaa deebinee waan harki keenna hujeen, ‹Waaqota keenna› hin jennu» jedha'aan.