Hosea 14:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Israeli amma tana waaqoota d'ara maani iraa qaba? Anini kad'acha worraa d'agayeefi worra qorqorad'e, aka mukha doti worra gaadiseesa. Hormaati worraa ch'ufti naraa d'ufa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Banii Israa'elii! ani waaqolee tolfamaa woliin wolii galtee maal qaba? ka kadhaa keessaniif deebii isinii kennuu fi ka isin kunuunsu ana; ani akka hindheessa hennaa maraa lalisee mudhatuuti; isin anaan worra bu'aa qabu taatan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee kolbaan Efreemii, waaqota dharaa biraa ani maan qaba ree? Ka deebii isiniif kennu, ka isin kunuunsu ana. Ani akka muka yennaa mara bisiluu ti; eebbifam keessan na biraa dhufa» jedha.