Hosea 2:23 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini gumi tiyya lafa tana qubachiise horsiisa; worra ka Injaalanne jed'aniini kaanifi worra Nama kiyyaniti jed'aniini kaanile jaalad'a. Anini waan jed'uuni, Isani worra kiyya; worrileeni waan jed'u, Atini Waaqa keenna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani biyyattii keessatti banii kiyya ijaaree, akka durooman taasisa; worra ‹araara hin argatan› jedhamanii hin araarama; worra ‹banii kiyyaa miti› jedhaman ani ‹banii kiyya› isaaniin jedha; isaan anaan ‹Ati Waaqa keenna› naan jedhan» jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani biyya keessatti kolbaa tiyya hin dhaaba; worra, ‹Lo-Ruhaamaa › jedhee waame hin marara; worra ‹Lo-Amii › jedhee waame, ‹kolbaa tiyya› hin jedha. Isaanille, ‹Ati Waaqa keenna› anaan hin jedhan» jedhe.