Hosea 4:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee Israeli, dubbi AABBO Waaqi isaniti himu d'agaya. AABBO Waaqi nama lafa tana keesa tau akana himata: Lafa tana keesa nami wold'ugefate yokhaani woljaalatu injiru, yokhaani ka Waaqa beekhuleeni injiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Banii Israa'elii! Rabbi namoota biyya kana keessa jiraatan maraa waan ajiifatu qaba; kanaafuu waan inni siin jedhu maraa dhagayi; «Biyyattii keessa amanamummaan, jaalalaa fi Rabbiin beekuun badeera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee kolbaa Israa'elii, Mootiin Waan Maraa isin worra lafa tana keessa leetanu woliin dubbii waan qabuuf, jecha isaa dhage'a'a: «Addatamummaan hin jirtu; jaalalli bara baraa hin jiru; ana Waaqa beekuun lafa teessan keessa hin jirtu.