Hosea 4:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fiit'e gaara gubbaa, fulla woyyumati sorio qalani, kubi gubbaa galma mukha jalati hit'aana aarsani gaadisa boqotani! Maro waan sunitiifi dubriti teesani sharmut'a taate, nad'eeni ilmaani teesanileeni daru taati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan gaarran irratti ciincaa dhiyeessan; tulloota irrattillee kennaa dhiyeessan; isaan waan kana qilxuu mishaa gudda'aa fi ka haafni isaa babadhatee gaaddisa qabu, muka balasii jedhamuu fi hindheessa jalatti dhiyeessan; sababaa kanaaf ijoolleen durbaa teessan seebartoota ta'an; haawwonni manaa ilmaan teessaniillee hin seebaran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan qaccee gaarotaa irratti ciincaa ciincessan; koobota irratti, qilxaa jalatti, muka dafee guddatuu fi daandii jalatti, gaaddisi isaanii waan toluuf, kennansa gubamu dhikeessan. «Tanaaf, ijoolleen durraa teessan sagaagalti; niitoti ilmaan teessaniille gaarayyeeffatti.