Hosea 4:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo ha taatu, dubra teesanifi nad'eeni ilmaani teesani suni dubbi ira inqabu; wonti akanatiifi isanu sharmut'oma waaqoota d'ara gula baddani sorio imfakaanne nad'eeni suni woliini waaqoota sunii baaftani. Akanaani gumiini hubacha inqamne baddi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ta'ullee ijoolleen durbaa teessanii fi haawwonni manaa ilmaan teessanii waan seebaraniif hin adabu; sababaan adabuu dhabuuf isin worri dhiiraa dubartoota mana woyyuu keessatti seebaran duukaa bu'a'aa isaan woliin waaqeffannaa ormaa raawwattan; kanaafuu baniin hubannaa hin qabne hin bada.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ijoolleen durraa teessan yennaa sagaagaltu, niitoti ilmaan teessaniille yennaa gaarayyeeffattu, ani isaan hin adabu; sababille, dhiirtinuu sagaagaltoota gula deemaa, galma waaqota dharaatitti woliin ciincaa dhikeessan; kolbaan hubantii hin qanne hin baddi.