Hosea 7:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja anini worra kiyya ka Israeli fayyise horsiisu fed'u ch'ufa, anini ch'ubbufi hameenna worraa ch'alla arga. Worri wolsobe mana ch'ach'abse woi hate dira keesaleti nama saama.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ani banii kiyya Israa'eliin fayyisu'uu fi akka durooman hennaa godhuu barbaade yakki bani'iitii fi hammeenni Samaariya'aa ifa ta'ee mudhata; isaan soba wolitti dubbatan; mana cabsa'aa hatan; gare gare'een ta'anii kara'atti baya'aa saaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ani yennaa kolbaa Israa'elii fayyisuu barbaadutti, yakkaan kolbaan Efreemii, hammeenni Samaariya'aa hin mudhata; isaan sobaan hujan; hattuun mana cassitee seenti; saantuulle karaa irratti nama saanti.