Hosea 9:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Israeli, jila teesani aka worra Waaqa imbeenne intolfatina. Isani ya Waaqa keesani iraa gortani waaqa d'ibi gula yaatani. Fulla ch'ufa isani ya aka sharmut'a waaqa Baali jed'aniti ufi gurgurtani mid'aani waan inni isanii kennu seetanile jaalattani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Banii Israa'elii! gatiin seebaraa ka hulee oobdi'ii maratti argamu eebba waaqa tolfamaa ba'aaliin irraa namaa kennamu seetanii isa jaalattan kana waan gootaniif Waaqa keessanii amanamtoota hin taane; kanaafuu isin akka banii kaawwanii gammadu'uu fi burraaquu dhiisaa'a!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee Israa'el, ati Waaqa keeti irratti akka sagaagaltu'uu teeteerta; addee eeddumme'ee maratti gatii sagaagaltootaa waan jaalatteef, hin firinxiixin; akka gosi biyya adda addaa ilillittu hin ilillisin.