Hosea 9:10 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, Gaafa anini qara Israeli arge, worri mid'aani zabibu ka lafa aloo keesati bahu nati fakaate. Ammalle gaafa anini qara ababoota teesani arge, worri mid'aani oda ka qara bahe nati fakaate. Ammo worri Gaara Peoritiini bahe jennaani waaqa Baali jed'ani kad'ate jaalate aka isaa hammaate waan hamtu tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Ani hennaa Israa'eliin arge akka nama lafa onaatitti hurbuu woyini'ii argatee ta'e; ani hennaa abboota teessan ta durii arge akka daraaraa muka hurbuu jalqaba gaye argee ta'e; isaan garuu hennaa Ba'alpheetsoriin gayan waaqa tolfamaa nama saalfachiisu sanitti dabarsanii uf kenna; isaanillee akkuma waaqa tolfamaa jaalatan sanii battoota ta'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, «Ani yennaa Israa'el dhagge, akka nama goomolee keessatti unkuruura woyni'ii dhaggee ti; ani yennaa abbootii teessan dhagge, akka nama midhaan qaraa muka harru'uu irratti dhaggee ti. Isaan ammoo yennaa gara Ba'aal Phe'orii dhufane, waaqa dharaa fokkisiisaa saniif adda ifi baasane; akkuma waaqa dharaa ka jaalatanuu san battoolee te'ane.