Hosea 9:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, Hameenni worraa ch'ufti Gilgaliti mullate, artiti anini qara worra jibbe. Waan worri waan hamtu tolcheefi anini worra lafa tiyya keesaa gussa. Anini worra deebie injaalad'u; wonti akanatiifi jaaroleeni worraa ch'ufti ya na didde.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Isaan uduu Gelgelaa jiran hujiin isaanii hamaan ifa baye; anillee hujii isaanii hamaa kana achitti jibbuu jalqabe; ani hujii hamaa isaan hojjataniif biyya isaanii kenne keessaa isaan baasa; ani ammaa achi jaalala kiyya isaanitti hin mudhisu; bulchoonni isaanii maruu worra dhiban ta'aniiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, «Sababa hammeenna isaanii ka Giilgal keessaatiif, ani achitti isaan jibbe; sababa hujii cubbittii isaaniitiif, ani mana kiyya keessaa oofee isaan hin baasa. Ani haganaa achi isaan hin jaaladhu; sooressitooti isaanii marti finqiltoota.