Hosea 9:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafa biyya suni keesati daad'i AABBO Waaqaa d'ibayu imbaasani, yokhaani soriole imbaasaniifi. Sagaleeni worri nyaatu nama nyaatu ch'ufa int'ureesiti, akuma sagale hojja nama awaalani nyaatani. Sagaleeni suni beeluma ch'alla baafti, tokole fuud'ani Mana Waaqatini d'ufani sorio imbaasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achitti kennaa daadhii woyini'ii Rabbii dhiyeessuu hin danda'an; ciincaan isaanii Rabbiin hin gammachiisu; buddeenni isaanii ka hennaa beelayan nyaatan malee ka akka ciinca'aatitti gara mana Rabbii fidanii miti; kanaafuu buddeena gaddaa isaanii ta'a; ka isa nyaatu maruu hin battaaya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan dhibaayyuu daadhii woyni'ii Mootii Waan Maraatiif hin dhibaasanu; ciincaan isaanii isa hin gammachiittu; ciincaan akkasii sun isaaniif akka sagalee haqaqo'oo ti; ka sagalee san nyaatu marti batticha hin te'a; sagaleen tun isaanuma qofaaf hin teeti; Galma Waaqaa keessatti ciincaa te'iisa hin dandeettu.