Hosea 9:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyyaani worra gaargalchani ya d'ufe, guyyaani haalo worraa baafatani ya gahe. Guyya suni Israeliini inuma beeti! Isani waan jettani, Raagi kunini daalle, nami woi fagu kunini ya maraate. Wonti isani akasi guddo na jibbitaniifi, waan ch'ubbu teesani heddutiifi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaan adabbi'ii gayeera; worri Israa'eliillee akka guyyaan ani haluu isaan bayu gaye haa beekanii; isin sababaa badi'ii fi jibba keessaniitiin raatticha akka gowwa'aatitti, nama Hafuurri Rabbii isa irra jiru akka maraattu'uutitti laaltan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaan adabbi'ii dhufeera; guyyaan mura'aa dhikaateera; Israa'el tana beettuu ti. Cubbuun teessan bacaa, yakkaan teessanille guddoo waan teeteef, raagichi akka gowwa'aa, nami ayyaana Waaqaatiin guutame akka maraata'aa laakkowameera.