Isaiah 10:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gochiti lafaa mana simpirre fakaati, duuba anini waan worri qabu akuma okhokaani guurani gaargala male guura. Wonti barisa tokoleeni na insodaachimne, yokhaani wonti afaani qaba tokoleeni nati iniyyine!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma namni harka ufii gara maandhee simbiraa hiixatu; anillee akkasuma harka kiyya gara qabeenna moototaa hiixadhe; akkuma namoonni killee haati irraa kaate wolitti qabu; anillee akkasuma ardii maraa wolitti qaba; ka koola ufii sosochoofate hin jiru; ka afaan banatee iyyellee hin jiru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Akka nama harka ifii mana simbirre'ee keessa keyee, quuphaa isi'ii wolitti qabuu, ani harka kiyya diriirsee, karra gosa biyya adda addaa wolitti qabe; isaan keessaa tokkolle haguma sinbirreen koola ifii tachoottuu ka tacho'e hin jiru; haguma afaan simbirre'eelle ka iyye hin jiru» hin jedha.