Isaiah 10:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo AABBO Waaqi waan jed'u, D'agaraani, Anini nama naani hojatu ira jira ufiini injed'a? Wonti woini murani nama woini muru ira jirti? Bokuuni nama oli infuud'u, namati isa olifuud'a male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qottoon nama woyiin murutti boonuu danda'aa? magaaziin hoo nama isa harkisutti uf jajaa? kun akkuma uleen nama isii ol fuudhu mirmirsituuti; uleen ufitti nama irratti hunna hin qabu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Agaraan nama isumaan muka muru irratti hin bondhooraa ree? Magaaziin nama isumaan muka baqassu irratti ifi hin jajjii ree? Tun adoo teetu teete, akka waan uleen abbicha isii qabatu san mirmirsituu ti; yookiin akka ciiraan abbicha isa qabatuun ani mukaa moti jedhuu ti.