Isaiah 10:24 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi guddaani waan nama isaa ka Sioni keesa tauni jed'u, Worra Ashuru insodaatina, ato worri aka worri Misiri duri isani gaargalche isani gaargalchele.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu Gooftaan; Rabbi Gooftaa banii maraa akkana jedha; «Banii kiyya ka Tsiyooniin keessa jiraattan; akkuma worri Misirii maruu ulee sitti ol fudhatan; worra shimalaan si tuman; Asooroota hin sodaatin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf Goottaan, Mootiin Waan Maraa, Ka Waan Mara Dande'u, «Ee kolbaa tiyya, ta Xiyoon keessa leetanu, akkuma worri Gibxi'ii dur isin godhe, worra Asoorii ka ule'een isin tumuu fi ciiraa isinitti fudhatu hin sodaatina'a.