Isaiah 11:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi galaana Misiri gosse, galaana Frati bubbe owituuni gosse laga didiqa torba tolcha, aka nami miilaani taaku.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi bubbee nama tumuun galaana Misirii gossa; harka ufii gara laga Efraaxisii hiixata; laga yaa'u torba godhee gara gara baasa; kanaafuu namoonni kophema ufiitiin ceeyuu danda'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa abbaayaa diintuu Gibxi'ii ijjumaa hin gossa; inni harka ifii laga Efraaxiisii irratti ol kaasee, qilleensa gubuun dhowee, laga didiqqaa torbatti gargar hin qooda; nami kophe'een keessa deemee, gamatti bu'uu hin dande'a.