Isaiah 11:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni hiyyeesa d'ugaani qore, nama qarqaarsa inqamne kalcha. Jecha isaa gula wollaala namati murani, dubbi isaatini nama ch'ubbu fit'ani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hiyyeeyyi'ii garuu balchumma'aan murteessa; hiyyeeyyii ardi'iitiif haqa murteessa; ulee afaan ufiitiin ardii dhaya; Hafuura afaan ufiitiin hammeeyyii ajjeesa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
worra hiyyeeyyi'iif ammoo balchumma'aan hin mura; worra deega'aaf haqaan hin mura; dubbii afaan isaa keessaa baatu ta akka ule'eetiin biyya lafaa hin dhowa; hafuura afaan isaa keessaa bayulle'een worra hamoolee hin ijjeesa.