Isaiah 12:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyyaani ind'ufa, ka biyyiti sirbite akana jettu: AABBO Waaqaa galata deebisa! Qarqaarsa isaa kad'ad'a! Waan inni tolche gosa ch'ufati odeesa! Aka maqaani isaa jaba biyyati hima!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bara san akkana jettan; «Rabbiin galatoonfadhaa'a! maqaa isaa waamadhaa'a! waan inni godhe worra Yihuudota hin taate jiddu'utti beessisaa'a; akka kabajjamellee labsaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san isin, «Mootii Waan Maraa galateeffadha'a; maqaa isaalle waammadha'a! Gosa biyya adda addaa keessatti hujii isaa beessisa'a; guddinna maqaa isaalle lallaba'a.