Isaiah 14:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi ammalle gumi ufii ta Israeliti nahe, worra fohate, ka ufi tolfate, lafa isaani ta qara taaniti deebise, achiti worra qubsisa. Nami gosa d'ibileeni d'ufe worra woliini taa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Yaaqoobii garaa laafa; Israa'eliin deebi'ee filata; biyya isaanii keessa isaan jiraachisa; worri isaanitti gale isaan woliin jiratan; mana Yaaqoobiitiin wol ta'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa sanyii Yaaqoobiitiif hin marara; ammalle Israa'eloota filee lafa isaanii keessa akka le'anu hin godha; worri ormaa dhufee, Israa'eloota woliin le'anee, sanyii Yaaqoobii woliin tokko hin te'an.