Isaiah 14:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Booliti ekhera kurfefachu jirti, aka hayyu Babiloni liqimsitu. Ekheraani nama duri lafa irati irre qabu ya wolmarte, ekheraani hayyootaa barch'uma ufi iraa kau jirti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa dhufte asaabni si simacu'uuf qophoofteerti; akka si simataniif worra hafuura ekera'aa waamu; worra adunyaa bulcha'aa turan maraa dammassiteerti; mootota banii irratti mooyan; teessoo isaanii irraa buufteerti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Yennaa ati gara addee worri du'e jiru gad buutu, addeen worri du'e jiru sun qirqirtee si fudhatti; ekeraa worra du'eetii fi sooressitoota biyya lafaa ta dur duute dammassite; mootota gosa biyya adda addaa ta dur duute duudiille, barcumaa mootummaa isaanii irraa nageya akka si fuudhanu ol kakaatte.