Isaiah 15:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Galaani dira Diboni yayu d'iigaani diimate, Waaqileeni yayu waan hagasi ira hamtu biyya tolchu fed'e. Ee nama Moabu keesati hafu ch'ufa gogoraani d'iiga jissani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Laggiin Diboonii dhiigaan guuttamaniiran; Dibooniin irratti garuu waan san caalu fida; worra Moo'aabiin keessaa dheessan; worra lafa san irratti hafanittillee leenca erga.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bisaan qachaa Diibonii dhiigaan hin guuta; ani Mootiin Waan Maraa rakkoo ta caaltu qachaa Diiboniititti hin fida; worra qachaa Mo'aabii keessaa baqatee bayuu fi worra achitti miliqee hafe neenqa itti hin erga.