Isaiah 16:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammatana anini akuma Yazeri bohu zabibu Sibmatile boha. Imimaani kiyya dira Heshbonitiifi Elealeti maro mid'aani galchani ka nama gammachiisani injirreefi jigani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu akka biqiltuu woyini'ii ka Seebaama'aatitti akkuma Iyyaazeer bootte; anillee hin booya; yaa Haseboon; yaa Eeliyaal; imimmaan kiyyaan si jiisa; wony'i hennaa ati daraaraa daraarte ture; gammachuun hennaa midhaan kee gaye waan adda citeef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf akkuma kolbaan qachaa Yaazerii muka woyni'ii Siibma'aatiif bootte, anille hin bowa. Ee, Heshiboon! Ee, Ele'aale! Midhaan muka keessaniitii fi midhaan keessan dhabannaan, ililleettiin yennaa midhaan galfattanuu waan hatteef, ani imimmaan dhangalaasee hin bowa.