Isaiah 17:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namuma diqa ch'allati iraa hafa; Israelileeni mukha ejersa ka mid'aani iraa guurani, mid'aani lamafi sadi ch'allaani fiit'e gubbati hafani fakaati, yokhaani ka tatakeeni toko dame jalati hafe fakaati. Dubbi tana ana, AABBO Waaqa Israeliti, jed'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ta'ullee akkuma ejersi yoo dhayan daraaraan lamaa yookaan sadihii; qaccee haafaa irratti akkuma hafu; daraaraan afurii yookaan shanii damee haafa qabuu irratti akkuma hafu; akkasuma qarmiin diqqoon Israa'elii hafa.» jedha Rabbi Waandhi Israa'elii.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka muka ejersaa ka yennaa hargufanu, qaccee isaa irratti midhaan lama yookiin sad, dameelee isaa irralle'etti midhaan afur yookiin shan hafuu hin te'a. Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii tana dubbadheera» jedha.