Isaiah 18:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafa suni keesa jara ergani tokoti, jira, ka hobolo ilaaduni mid'aasanini bisaani galaana gubba yau. Isani, jari ergattu kunini, ka yoosu armaani bahe, kaa gala! Lafa teesani ta galaani gargari kute, ta gochiti jabduuni irre qabdu keesa teetu, ta nama d'ed'eera nafi qulqullicha, ka nami lafa ch'ufa sodaatu qabdu d'aamsa kanaani iti gala.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Tunillee ta ergamtoota galaana irraan; ta laga gamaa yabala dhallaaddu'uutiin ergitu; isin ergamtoonni ariifattan; gara banii dhedheera'aatii fi ka gogaa lallaafa'aa; banii fago'oo fi dhiyo'ottillee sodaatamu; jabaa'aa fi ka afaan isaa namaa hin galle; gara mootota laggiin isaanii lafa isaanii qoqqooduu deemaa'a!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Latti sun abbaayaa irra, hoboloo allaadduu irraa hujanteen bisaan irra ergantoota ergiti. Isin ergantooti ariiti'iin ideentanu, gara kolbaa dhedheertu'uu, ta gogaan isi'ii lallaafa'aa, ta fago'oo fi dhiko'otti sodaatantuu, gosa hunnaameyyii jajjaba afaan isaanii hin beekkannee, ta latti isaanii laga heddu'uun gargar qoqoodantee dhaqa'a.