Isaiah 18:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyyaani ind'ufa, ka AABBO Waaqi lafa galaani gargari kutu ta gochiti jabduuni irre qabdu keesa teetu, ta nama d'ed'eera nafi qulqullicha, ka nami lafa ch'ufti sodaatu qabdu, woi iraa fud'atu. Worri suni gaara Sioni fulla AABBO Waaqa gudda iti kad'atani, d'ufa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Rabbii Gooftaa banii maraatiif; banii dhedheera'aa fi cululuqa'aa; banii fago'oo fi dhiyo'ottillee sodaatamu; jaba'aa fi ka afaan isaanii namaa hin galle; mootummaa laggiiwwan lafa isaanii gar gar qoodu irraa; kennaan dhufaaf; kennaan gara gaara Tsiyoonii ka maqaan Rabbi Gooftaan banii maraa jiruu dhufa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san kolbaan dhedheertuun, ta gogaan isi'ii lallaafa'aa, ta fago'oo fi dhiko'otti sodaatantu, gosi hunnaameyyiin jajjabi afaan isaanii hin beekkanne, ta latti isaanii laga heddu'uun gargar qoqoodante, addee Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waaqonfamutti, gara gaara Xiyoonii Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeef kennansa hin fiddi.