Isaiah 22:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
haro dira keesati jaartani, aka bisaani haro qara taani keesaa yaani iti naqatani. Ammo isani Waaqa, ka waan kana ch'ufa duri mala d'ae tolche, odu inkaamne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bisaan kuufama durii keessaa bayuu fi dallaya lamaan jiddu'utti hulee bisaan itti kuufamu ijaartan; garuu ka waan kana godhe hin laalle; ka dura karoorsee hojjate hin hubanne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bisaan baleessa durii addee itti kuufamu dalleya lamaan wodhakka'atti ijaarrattane. Isin ammoo gara Waaqa tana hujee hin ilaalle; ka dur karoora baasee hujelle'eef ulfinna hin kennine.