Isaiah 22:25 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja guyyaani suni d'ufu d'isaani kaani lalaafe jiga. Duuba wonti isati fannifama kaani ch'ufti inhobaati. Dubbi tana AABBO Waaqati jed'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Guyyaa san» jedha Rabbi Gooftaan banii maraa; «Hennaa wonti kun maruu raawwatu xiribbaan meeshaa itti fannifatan jabaan kun hin kufa; meeshaan xiribbaa kana irratti fannifame maruu kufee caccaba» jedha; Rabbi waan kana dubbateera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa san Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Togaan addee addachiittu'utti jabaatee dongorame sun buqqa'ee caccabee hin jiga; wonni isatti fannifame marti hin baddi› jedha» jedhe.