Isaiah 23:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Beese inni daldala iraa argate AABBO Waaqaa baasani. Beese suni oliinkayani ammo nama AABBO Waaqa kad'atu ch'ufati beese suni sagaleefi daarani baha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qarshiin isiin daldalaan argattu ka Rabbiif woyyoome ta'a; hin kuufamu, wolittillee hin qabamu; tajaajiltoonni Rabbii nyaataa fi uffata irra oolfatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bu'aan isi'iitii fi wonni isiin dhaggattu duudiin ammoo, ka Mootii Waan Maraatiif adda baafame te'a malee, wolitti qabamee hin kuufamu; worri Mootii Waan Maraa tajaajiliisaaf fuula isaa dura dhaabbatu sagalee baca'aa fi woyaa dansaa ittiin bitatan.