Isaiah 27:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya suni magalata d'aani, worra Israeli ka, qara boojiani lafa Ashurutifi lafa Misiriti geesani, yaamani gadi deebisani. Duuba worri d'ufe gaara isaa ka woyyuma irati, Yerusalemu keesa, AABBO Waaqa kad'ata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san xurumbaan laagaa guddaa dhageessisu hin afuufama; worri biyya Asoorii keessatti badanii fi worri Israa'elii ka gara biyya Misirii baqatan deebi'anii dhufanii gaara woyyoome ka Israa'elii ka Yerusaalemiin keessatti argamu irratti Rabbii sagadan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa san tultullaan guddaan hin afuufama; worri biyya Asooriititti badanee fi worri gara biyya Gibxi'ii booji'ame gara biyya ifii deebi'ee, gaara woyyicha irratti Yerusaalem keessatti Mootii Waan Maraa hin waaqonfatan.