Isaiah 27:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyyaani ind'ufa, ka worri Israeli, d'alooti Yakobo, aka mukha hidda baase, late daraare lafa ch'ufa mid'aaniini qabatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baroota dhufanitti Yaaqoob hidda gad fageeffata; Israa'elillee hin muta; abaaboo baasa; daraaraa ufiitiin ardii maraa guutan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Baroota dhufutti sanyiin Yaaqoobii hidda hin yaafatti; kolbaan Israa'elii quunxitee daraartee, biyya lafaa duudii midhaaniin hin guutti.