Isaiah 28:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aabbo Waaqi nama jaba irre qabu, ka worra had'u, ya kurfeese, ka aka bokaya d'akhaani roobutifi bokaya guddaafi fach'aa bisaani d'ufe lafa fud'atu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kunoo Gooftaan waan cima'aa fi jabaa ta'e qaba; kunillee akka kirfaffuu barada'aatitti; akka haboonbolattii waa balleessuutitti; akka dambalii jaba'aatitti; akka rooba jaba'aatitti; hunnaan gara lafaa isii darba.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kunoo, Mootiin Waan Maraa nama jaba'aa fi hunnaamessa qaba; nami sun akka dhakaa bokkeyaa, akka qilleensa wo balleessuu, akka lolaa hama'aa fi akka bokkeya hama'aa, qachaa san hunnaan lafatti dhowa.