Isaiah 29:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan daayyani raagoota d'ooftu ch'ufa ya isani duraa d'ossani isiini woraqata ch'ufani fakaati. Yo isani woraqata suni nama soomu beekhuti geesitani, Naa soomi jettaniini, inni waan isaniini jed'u, Anini soomu indandau wonti akanatiifi ya ch'ufani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hiikkaan mudhata raagaa ka isin argitan maruu isin jalaa dhokatee akka kitaaba cufamee isinitti ta'eera; gara nama kitaaba dubbisee danda'uu bira fiddanii yoma «Nuu dubbisi» jettanii isa gaafattanillee «Waan cufameef isinii dubbisee hin danda'u» isiniin jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mudhiin tun duudiin isiniif akka kitaaba maramaa cufamee chaappaa itti godhamee ti; kitaaba akkasii nama kitaaba dubbisuu dande'utti kennitanee, «Dubbisi!» yoo jettane, inni ammoo, «Cufamee chaappaan waan itti godhameef, ani dubbisuu hin dande'u» hin jedha.