Isaiah 29:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba Waaqi dira Yerusalemu, ka fulla sorio keesati isaa baasani jed'ani, suni gaargala itiini d'ufa. Laalefatani bohani, ammalle diri sunileeni ch'ufti fulla sorio iti qalani ta d'iigi balleese nati fakaata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani garuu Aari'eeliin hin marsa; hin bootti; bade jetti; akka hulee ciinca'aa naa taati.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee, ani Mootiin Waan Maraa addee ciinca'aa san hin rakkisa; achitti bowaa fi gaddi hin te'a. Achiin duuba ati naaf akka addee ciinca'aa ta ibiddi irratti bobe'uu hin teeta.