Isaiah 32:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri suni ch'ufti dao qilleensa nama ira d'owartufi fulla bubbe iti d'okhatani fakaata. Worri bisaani lafa gamooji keesa yaatifi gaadisa rabsu d'akhaa, ka lafa d'eebicha keesa tau, fakaata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni maruu ka qilleensa itti daadayatan; ka kirfaffuu jalaa itti irkatan ta'a; lafa gammoojji'iititti akka burqaa bisaanii; lafa godde irratti akka gaaddisa dhagaa gudda'aa ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tokko tokkoon isaanii akka addee qilleensa jabaa duraa itti dhokatanuu, akka dawoo bubbee bokkeyaa duraa itti baqatanuu, akka madda bisaanii ka goomolee keessaa, akka gaaddisa rassaa guddaa lafa dheebu'uu keessa jiruu hin te'an.