Isaiah 32:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daalleeni dubbi daalliti dubbate, ch'ubbu ch'alla herega. Inni waan tolchufi ka jed'ule ch'ufa keesa kara iraa gore maqa Waaqa balleesa, ammalle inni nama beela qabu beela imbaasu, ka d'eebu qabule bisaani inobaasu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amshaaggaan waan amshaagga'aa dubbata; sammuun isaa hammeenna dhudhuma; hujii sodaa Rabbii hin qabne raawwata; waan Rabbii soba dubbata; ka beelayee nyaata dhooggata; ka dheebotee bisaan hin kennu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami gowwaan gowwummaa dubbata; qalbiin isaa hammeenna yaadatti; inni waan hantuu hujaa, Mootii Waan Maraa arrassa; worra beelote agabuu lakkisa; worra dheebote bisaan dhooggata.