Isaiah 33:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri ch'ubbichi Sioni sodaate aka hama mudame, waan jed'u, Eenuti dandae ibida wo balleesuni wolti gala? Nu nami dandae ibida suni ira hafu injira?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Cubbamtoonni Tsiyooniin keessa jiran hin nayan; worri Waaqa hin qabne sodaan isaan qabee; «Nu keessaa ka ibidda nama nyaatu woliin jiraatuu danda'u eennu? ibidda bara baraa woliin hoo eentu jiraatuu danda'a?» jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Cubbaaleyyiin Xiyoon keessa jiranu sodaatane; worri Waaqa malee le'u soda'aan rommanee, «Nu keessaa eentu ibidda nama fixu woliin le'uu dande'a? Nu keessaa eentu ibidda hin dhaanne woliin le'uu dande'a?» jedhan.