Isaiah 34:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Goraadeeni isaa d'iigaafi gabbinnaani ka d'iigaafi gabbinna ilmoole hoolaatifi elemiyeefi korbeeyyi ta sorio qalani fakaatuni ch'uubamti. AABBO Waaqi sorio tana dira Bosra keesati qale lafa Edomu keesaleti waan guddo qala.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guraadeen Rabbii dhiigatti cuuphamteerti; cooma quufteerti; dhiiga korbeessa hoola'aatii fi ka re'e'eetiin; cooma kalee korbeessa hoola'aatiin uwwifamteerti; Rabbi qachaa Baasoora'aatitti ciincaa; Eedoomittillee qalma guddaa waan qopheesseeruuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Shallaagaan Mootii Waan Maraa dhiigaa fi coomaan dhuubameera; dhiiga buruusoo korbeeyyii hoole'eetii fi re'e'eetiin, cooma kalattii korbeeyyii hoole'eetiin laaqameera; Mootiin Waan Maraa qachaa Bozra'aa keessatti ciincaa, lafa Edoomii keessalle'etti qalma guddaa hin qopheessa.