Isaiah 35:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kara gudda tokoti achi jira, ka kara Qulqullooma jed'aniini. Nami ch'ubbu qabu, ka kara suni suni gula deemu injiru, daalleleeni nama kara suni gula deemu iraa ingorsitu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Huleen sun karaa guddaa ta'a; «Karaa woyyuu» jedhamee waamama; worri battaaye keessa hin deemu; worra karaa irra jiran calla'aaf ta'a; gara laafeyyiin karaa irraa hin daban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achi keessa karaan guddaan hin baya; maqaan isaalle, «Karaa Woyyicha» hin jedhama. Karaa san irra kolbaa Waaqaa qofattuu deema malee, worri battiin irra hin deemu; worri gowwooleelle irra hin deemu.