Isaiah 36:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ganna kud'ani afreeso ka Hezekiani lafa Yuda mohate, Senakeribuni, hayyuuni Ashuru dira Yuda ka jabeesani jaarani ch'ufa had'e dabsate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bara mootichi Hisqiyaas biyya Yihuuda'aa irratti mooye woggaa kudha arfeesso'ootitti mootiin Asoorii Sanaakireem lolee qachoota Yihuuda'aa ka dallaya dhaga'aa qaban qabate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hisqiyaas mootii te'ee woggaa kudhanii arfeesso'ootitti, mootiin Asoorii Senaaheriib, qachaa Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabu mara lolee qabate.