Isaiah 36:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbi Hezekia inch'aqasina! Hayyuuni Ashuru waan isaniini jed'u, Nati koota, booju kad'ad'a. Duuba yo booju kad'attani, isaniini ch'ufti daad'i zabibu teesani d'uddani, mid'aani keesani ka oda nyaatani, madda teesani keesaa bisaani d'uddani,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin waan Hisqiyaas isiniin jedhu hin dhagayinaa'a, mootichi biyya Asoorii gara kiyya kootta'aa naan wol ta'aa'a; yoo kana gootan isin maruu hurbuu muka woyini'ii keessaniitii fi daraaraa muka hurbu'uu keessan nyaattan, bisaan boolla keessaniillee hin dhuddan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waan Hisqiyaas jedhu hin dhage'ina'a. Mootiin Asoorii, ‹Na woliin araarama'a; gara kiyya kowa'a; achiin duuba tokko tokkoon keessan midhaan woyni'ii keessanii fi midhaan harru'uu keessan hin nyaattan; boolla bisaanii teessan keessaa bisaan hin untan.