Isaiah 36:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni namicha gudda askarti isaatini waan jed'e, Lakishi deemi, askarti heddu fud'ad'i, Yerusalemu d'aqi, hayyu Hezekiani booju kad'ad'i jed'i. Namichi kaani kara worri woya mid'aasu keesa tau, ka d'aatu fulla bisaani haro keesaa diratini yaani ejate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa mootichi Asoorii akka mootichi Hisqiyaas harka kennatu akka isa gaafatan ajajaa loltootaa loltoota baay'ee woliin Laakishii gara Yerusaalemii erge; inni deemee gara haroo ol aantuutiin karaa bisaan boyii keessa yaa'u hulee uffata itti miicatan bira dhaabate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba mootiin Asoorii Senaaheriib ajajaa loltoota ifii Rabshaaqee, loltoota hedduu woliin Laakiishi irraa addee mootichi Hisqiyaas jiru gara Yerusaalemii erge. Ajajaan loltootaa sun dhufee, anguree baleessa gatiitti'ii ka karaa fichaa namicha woyaa dhiquu geessu bira dhaabbate.