Isaiah 37:24 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini qonqo namaani ergite d'aade waan nani jette, Anini gaari kiyyaani fiit'e gaareeni Lebanoni ch'ufa kore dabsad'e. Ammalle anini yayu hind'eesa d'ed'eeraafi mukeeni haru ch'ufa ch'irad'e badda keesa lit'e fulla ch'ufa gahe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Karaa ergamtoota keetiitiin; jecha arrabaa heddu gooftaa kee irratti dubbatte akkana jette; baay'inna konkolaataa fardoo kiyyaatiin; dheerinna gaarranii; fiixxee gaarran Libaanosii irra bayeera; Birbirsa dhedheeraa; hindheessa filatamaa muradheera; gara hulee guddisee ol fago'oo; gara bosona guddisee bareeduu gayeera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati karaa ergantoota teetiitiin, Mootii Waan Maraa irratti murgitee, ‹Ani garreettaa kiyya ka fardaan harkifamu heddu'uun gara qaccee gaarotaatitti, qaccee gaarota Libaanoniititti ol bayeera; qaccee gaarota sanii irraa hindheensa dhedheera'aa fi birbirsa dadansaa jijjisseera; gara gongomaa ciggaa addee ol kaate irra jiru keessa seeneera.