Isaiah 37:30 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Isayaani waan hayyuuni jed'e, Waan kanati akheekha sii taha. Ganna kanafi ganna d'ufu, mid'aanuma ufumaani baha nyaata, ammo ganna sadeeso atini mid'aani fach'aafte murate zabibu oobrate mid'aani isii nyaata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hisqiyaasi! kun malkata sii ta'a; «Bara kana keessa ka ufiin baye; bara itti aanutti ka ufiin bayaa irraa marge nyaattan; woggaa sadeesso'ootitti garuu hin facaafattan; hin haamattan; woyinii dhaabattan; daraaraa isaallee hin nyaattan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaayaas ammalle mooticha Hisqiyaasiin, «Tun beessisa si'iif hin teeti: ‹Baranaa fi bara dhufu midhaan haaga'ee hin nyaatta; woggaa sadeesso'oo ammoo midhaan facaattee hin haammatta yookiin muka woyni'ii dhaabbattee midhaan isi'ii hin nyaatta.