Isaiah 37:38 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya toko, ato inni mana waaqa isaa, ka Nizroki jed'ani, keesa tae waaqa kad'atu, ilmaani isaa lama, Adramelekifi Sharezani goraade ufitini isa ijeefte, lafa Araratiti baqatte. Duuba ilmi isaa ka Esar-Hadoni jed'ani fulla isaa hayyu tahe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gaaf tokko uduu inni mana waaqa tolfamaa ufii ka Naasaraak jedhamu keessatti sagadu ijoolleen isaa lamaan Adraameeleekii fi Saaraasar guraade'een isa ajjeessanii gara biyya Araaraatii baqatan; ilmi isaa Asraadoon bikka isaa mooye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gaafa tokko inni galma seenee waaqa ifii ka «Nisroo» jedhamu waaqonfatiisatti adoo jiruu, ilmaan isaa Adraamelekii fi Shaarezer shallaaga'aan isa ijjeesanee, gara lafa Araaraatiititti baqatane; addee isaatitti ilmi isaa Esaar-hadon mootii te'e.