Isaiah 38:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bara suni Hezekiani fayya d'abe duu gahe. Raagi Isayaani, ilmi Amozi, isa argu d'aqe waan jed'eeni, AABBO Waaqi waan siini jed'u waan kanke ch'ufa mid'aafad'u, d'aamad'u atini d'ukuba kana iraa inhaftu, indoota.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bara san mootichi Hisqiyaas dhibamee du'uu gaye; Isaayyaas raattichi ilmi Amootsii isa bira dhaqee «Rabbi, ‹Ati hin duuta malee hin jiraattuu mana kee sirreeffadhu› siin jedha» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bara san mootichi Hisqiyaas guddoo dhibamee du'uu geyeeraayyu; Isaayaasiin raagichi ilmi Amosii gara isaa dhaqee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Ati hin duuta malee, dhibee teeti irraa waan hin fayyineef, waan mara midhaaffadhu› siin jedha» jedheen.