Isaiah 40:26 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Me gubba ilaala, urji isani agartani tana eenuti uume? Nami uume isuma, ka isi tokotokooni gayaasu; inni haga isii imbeekha ammalle ch'ufa maquma isiitiini yaama! Irreeni isaa guddo jabdu, tanaafi urjini suni tokoleeni imbaddu!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ol jedha'aa gara sami'ii laalaa'a; ka kanniin maraa uume eennu? ka duultota urjiiwwanii tokko tokkoon baasu; ka maqaa isaaniitiin isaan waamu isuma; sababaa guddinna jabeenna isaatii fi jabeenna dandeettii isaatiin tokkochillee hin badu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ol jedha'aatii gara ol-gubba'aa ilaala'a; urjoota tana mara eentu dade? Inni akka loltootaa tokko tokkoon gad baasaa isaan laakkowaa, maqaa maqa'aan isaan mara waama; inni hunna guddo'oo fi jabeenna guddaa waan qabuuf isaan keessaa tokkolle hin badu.